Asset Publisher Asset Publisher

Back

Waancaa Koonfedereeshinii Afrikaa marsaa duraan Hasaniyaa Agaadir kan simate Jimmaa Abbaa Jifaar mo’ame.

 

OBN Amaj,06 05 11- Shampiyoonsi liigiin kan hinmilkaa'iniif Jimma Abbaa jifaar morkii mo'atanii darbuu Konfedereeshinii Afrikaan kaleessa istaadiyemii Finfinneetti kilaba  Hasaniyaa Agaadiriin goolii 1fi 0'n mo'ame.

Boqonnaan duraa taphichaa goolii malee kan xumurame yoo ta'u, deebii daqiiqaa 74ffaatti Zoohir Chaawuch goolii injifannoo  Hasaniyaa mirkaneessite galcheefii jira.

Sababa sagantaan taphootaa itti baay'achuutiin miidhamaan taphattoota murteessoo kan dhabe Jimmaa Abbaa Jifaar, tapha 5ffaa morkii sadarkaa 4ffaatti hirmaateen yeroo 2ffaaf injifatamuusaati.

Abbaan Jifaar tapha deebiin carraa ramaddiif darbuu xumuraa qabu murteeffachuuf torbee dhufu gara Morookoo ni imala.