Asset Publisher Asset Publisher

Back

Taphoonni Piiriimiyeer Liigii Itoophiyaa torbee 9ffaan lama kaleessa taphatamaniiru.

 

OBN Mud,30-04-11- Jimmaa Abbaa Jifaar dirree isaatiin ala Hawaasadhaan goolii 3-1'n mo'ameera.

Abbaan Jifaar goolii  Mamadu Sidebe daqiiqaa 12ffaratti galcheen dursaa turus, Hawaasaan goolii Taaffasee Salamoon  Peenalitiin, akkasumas Adaanee Girmaa fi Israa'el Ishatuu taphaan galchaniin booda ka'uun goolii 3-1'n injifate.

Kaleessuma Maqalee 70 Indarta dirree isaaratti Bunni Sidaamaa simachuun qabxii wal fakkaataa goolii 3-1'n injifateera.

Yared Kebedee, Samu'el Salisoo fi Amaanu'el G/Mika'el taphattoota sadan goolii injifannoo Maqalee 70 Indarta galchaniidha.

Addis Giday goolii tokkitti Buna Sidaamaatiif Peenalitiin galchuun baayina gooliiwwan liigichaan galche 7'n gahateera. Dawa Hoxxeessaa Adaamaadhaa, Minyilu Wandimu Raayyaadhaa gooliwwan  jaha jaha gaclhuun itti aanuu.