Asset Publisher Asset Publisher

Back

Shaampiyoonaa atileetiksii dargaggoota addunyaa umurii 20 gadii Itiyoophiyaa fi Keeniyaan duursaa jiru

[OBN 04 11 2010]Shaampiyoonaa atileetiksii dargaggoota addunyaa Fiinlaanditti gaggeeffamaa jiru meedaaliyaa 3 fi diippiloomaa 1 Ityoophiyaan Keeniyaatti aanun lammaffaan duursaa jirti.

Oolmaa guyyaa jalqabaan atileetonni Ityoophiyaan meedaaliyaa Meetiifi Naasii argatanii jiru.

Meetira kuma 5 dubartootan Ijjigaayyoo Taayyee fi Girmaawit G/Egzaaber 2ffaa fi 3ffaa bahanii jiru.

Dorgommii meetira kuma 10 dhiirotaan Barrihuu Aragaawii 3ffaan naasii yoo argatu Oliiqaa Addunyaa 5ffaa bahuun dippiloomaa argatee jira.

Ityoophiyaan meetii 1 fi naasii 2 Keeniyaatti aantee sadarkaa 2ffaa qabattee jirti.

Shaampiyoonaa waggaa lama dura Poolaanditti gaggeeffameen Ityoophiyaan meedaaliyaa 10 argachuun Ameerikaa fi Keeniyaatti aantee 3ffaan xumuruun ishee ni yaadatama.

Image may contain: 2 people, people standing and outdoor
Image may contain: 1 person, smiling, on stage, standing, sky, hat and outdoor