Asset Publisher Asset Publisher

Back

Priimiyeer ligii Ingilaand torbee 28ffaatiin Liverpool, Maanchester Siitii, Arsenaal, Maanchester Yunaayitid fi Cheelsiin morkattoota isaanii injifataniiru.

 

OBN 21 06 11- Liivarpool Anfilditti goolii 5-0'n Watford injifachuun dursummaasaa garaagarummaa qabxii tokkootiin cimsateera.

Sadio Mane fi Virgil Vaan Daayik gooliwwan lama lama yoo galchan, Divok Origin goolii 5ffaa kilabichaaf dabaleera.

Maanchester Siitiin Itihaaditti goolii 1-0'n West Ham injifachuun sadarkaa 2ffaa isaa cimsateera. Sergio Agueron goolii injifannoo isaanii mirkaneessite Peenaalitiin galche.

Darbiin Landon Cheelsii fi Tootenham Hotispar gidduutti taphatame olaantummaa Cheelsii goolii 2-0'n goolabame.

Boqonnaan booda Pedron goolii ittiin dursan Cheelsiif yoo galchu, Kieran Trippier garee isaaratti goolii tokko dabaluun taphichi olaantummaa garee Maurizio Sarin  xumurame.

Arsenaal Imiresitti goolii 5-1'n Bournmouth injifateera. Mesut Ozil fi Henerik Mikitariyan boqonnaan dura, Lorent Kosheliny, Per Emerik Aubemeyang fi Aleksander Lacazzette boqonnaan booda gooliwwan injifannoo The Gunners taphattoota galchaniidha. Goolii Bournmouth mo'amuu jalaa hin baafne Lys Mousset galcheera.

Maanchester Yunaatidis gooliwwan lama Romelu Lukaku fi goolii tokko Ashley Young galcheen goolii 3-1'n C. Palace injifateera. Joel Ward goolii tokkiittii Paalasif galchee jira.

Southampitanis goolii 2-0'n Fulham injifate.

Liigicha Liiverpool qabxii 69'n dursaa jira. Siitiin qabxii 68'n, Spurs qabxii 60'n 2ffaa fi 3ffaadha.

Arsenaal qabxii 56'n, United 55'n tapha qixxeesituu tokko kan qabu Cheelsiin 53'n hanga sadarkaa 4ffaatti xumuruuf morkachaa jiru.