Asset Publisher Asset Publisher

Back

Pirezidaantin Waldaa Federeeshinnii Kubbaa Miilaa Addunyaa FIFA Jiyaan Infaantinoon waggoota afran dhufaniifis federeeshinicha hoogganuu danda'u jedhame.

 

 

OBN Amaj, 30 05 11- Infaantiniyoon bara 2016 iddoo perezedaantii FIFA duraanii Joseph  Sepp Blatter bu'uun isaa ni yaadatama.

Filannoon perezedaandummaa federeeshinii kubbaa miilaa addunyaa waxabajjii 5 Yaa'ii Kongeransii FIFA 69ffaa Firaans Paarisitti taa'amu irratti gaggeeffama.

Jiyaan Infaantiniyoon erga gara hooggansa FIFA'tti dhufanii koree federeeshinichaa haaromsuun, biyyoonni waancaa Addunyaa bara 2026 USA, Kanaadaa fi Meeksikoon waliin ta`uun qopheessan irratti biyyoonni 48 akka hirmaataniif murteessanii jiru.

Infaantinoon barreessaa ol aanaa Gamtaa Federeeshinii Kubbaa Miilaa Awurooppas ta`un hojjechuun isaani ni yaadatama.