Asset Publisher Asset Publisher

Back

Pireezidaantiin Riyaal Maadriid Filorentino Perez Brahim Diaz taphataa gahuumsa addaa qabuudha jedhuun jajaniiru.

 

OBN Mud,30-04-11- Taphataan sarara gidduu umurii 19 Brahim Diaz Dilbata darbe Paawundii miiliyoona 15'n Maanchestar Siitirraa Riyaal Maadriididtti makamuun isaa ni yaadatama.

Pireezidaantiin kilaba Riyaal Maadriid Filorentino Perez taphataa gahuumsa adda qabuudha jechuun Diaz dinqissifataniiru.

Waggoota jahaa fi walakkaaf Riyaal Maadriidif taphachuuf kan walii gale Brahim Diaz kilaba ijoolummaa isaatirraa taphaachuuiif hawwaa turetti makamuu isaatti gammaduuu ibseera.

Bara 2015 Malagarraa Siitiitti kan makame Diaz baroora afur Siitii waliin tureen taphoota 15'n goolii lama kilabichaaf galcheera.