Asset Publisher Asset Publisher

Back

Oduu Mootiin Sa'uud Arabiyaa Mohaammad Bin Salmaan Maanchestar Yunaayitid bituuf jedhu soba akka ta'e eerame.

 

OBN Gur,12 06 12Mootiin Sawuud Arbiyaa Mohaammad Bin Salmaan oduun kilaba Maanchester Yuunaayitd Paawondii Biiliiyoona 3.8 bituuf jedhu tibba kana dhagahamaa jira.

 

Ministeerri Miidiyaa Sawud Arabiyaa Tarkii Al Shabanan Mootichi kilabicha bituuf osoo hin taane Ispoonsara gochuu akka fedhan beeksisaniiru.

 

Maanchister Yuunitid bara 2005 Abbootii qabeenyaa Ameerikaa Maatii Gileezariin Paawondii Miiliyoonaa 700 fi Miliyoona 90'n bitamuun  ni yaadatama.

 

Kilabichi yeroo ammaa kanatti Paawondii Biiliyoona sadii hanga afuritti akka baasu tilmaamameera.

 

Dureeyoonni biyyoota  Arabaa kilaaboota Awuurooppa bituudhan kan beekaman yoo ta'u, Sheek Mansuur Manchisteer Siiti,dureessi Qatar Nasser bin Al Kaalaayifaayi  immoo PSG bituun isaanii yaadatama.