Asset Publisher Asset Publisher

Back

Leenjisaan Arsenaal duraanii Arsen Venger fi Eliud Kipchogen badhaasa Laureus bara 2019 argataniiru.

 

OBN Gur,12 06 12- Arsen Venger badhaasa Laureus bara 2019 kan umurii guutuu eda Monaakootti kennameefii jira. Venger waggoota 22 Arsenaal waliin dabarsaniin kilabichi sadarkaa kanarra akka gahuuf leenjisaa gahee olaanaa bahaniidha.

Kana dura  gootonni kubbaa miilaa keessatti yoomuyyuu leellifan kan akka Pele, Huwan Cruyff, Franze Bekabower, Zinedin Zidan, Sir Boby Charliton dabalatee Perizidaantiin IAAF Sebastian Coe  badhaasa Laureus umurii guutuu argataniiru.

Abbaan Riikardii Maaratoonii adduunyaa Eliud Kipchogen qopheesitoota badhaasa Lauresin badhaafamaa addaa bara 2019 ta'eera.

Maaratoonin injifannoowwan jajjaboo kan galmeessise Kipchogen atileetii cimaa bara 2018 ta'uun badhaafamuun isaas ni yaadatama.

Bishaan daakkiin warqee heddu biyya isaa US Ameerikaan kan aragmsiise Mishel Filips fi taphataan duraanii Roma Firansisko Totin badhaasa kana mikeefataniiru.

Ramaddii birootiin Naavak Jookovich fi Simon Baayiles ispoortessaa cimaa fi cimtuu, akkasumas shaampiyooniin waancaa addunyaa gareen Firansi badhaas garee cima bara 2019 argataniiru.

Tiger Woods fi Naomi Osaka namoota badhaasa kana milkeefatan keessatti argamu.