Asset Publisher Asset Publisher

Back

Konfedreeshiniin Kubbaa Miilaa Afrikaa CAF balaa xiyyaaraa Itoophiyaatti mudateef gadda itti dhagahame ibse.

 

OBN Bit. 03, 07 11- Lammiilee Keeniyaa 32 balaa xiyyaaraa kanaan lubbuun isaanii darbe keessaa bareessaan duraanii Federeeshinii Kubbaa Miilaa Keeniyaa Husen Swaleh isaan tokko turan.

Husen Swaleh tapha shaampiyooonsi Liigii Afrikaa Jimaata darbe kilabiin Egypt  Ismailii fi TP Mazembe waliin taphatan Komishinara taphaa ta'uun tajaajiluu osoo deebi'aa jiranuu balaa kanaan lubbuun isaanii darbeera.

Pireezidaantiin CAF Ahmed Ahmed maatii Husen Swaleh  dabalatee  namoota balaa kanaan miidhamnaiif gadda isaanitti dhagahame ibsaniiru.

Dursaan taphattoota Keeeniyaa fi taphataan sarara gidduu Tootenhaam Hotispars Victor Waniyama, Federeeshinii Kubbaa Miilaa Itoophiyaa, Federeeshinii Atileetiksii Itoophiyaa qaamolee gadda itti dhagahame ibsan keessaa isaan muraasa.