Asset Publisher Asset Publisher

Back

Dorgommii Diyaamand Liigii Siwiizerlaanditti gaggeeffameen Salamoon Bargaa 2ffaan xummure.

 

[OBN 29 10 2010]Dorgommii Diyaamand Liigii kaleessa Siwiizerlaand Laawusannetti gaggeeffameen atileetonni Ityoophiyaa 2ffaa hanga 4ffaa xumuran.

Dorgommii diyaamand Liigii Laawusanne meetira kuma 5 dhirotaa kanaan dhalataan Ityoophiyaa lammii Bahaaren Birhaanuu Balaaw 1ffaan yoo xummuru atileetonni Ityoophiyaa Salamoon Bargaa,Abaadii Haaddis fi Geetaanaa Mollaa wal duraa duuban 2ffaa hanga 4ffaan galanii jiru.

Dorgommii meetira 1500 dubartootan Sheelbay Huliyan Ameerikaadhaa yommuu injifattu Gudaaf Tsaggaayee 4ffaa baatee jirti.

Dorgommiin Diyaamand Liigii marsaa 6ffaan Hagayya 6 Morookoo Raabatitti kan gaggeeffamu yoo ta'u, Hagayya 25,2010 Beeljiyeem Biraasilsitti xummura argata.