Asset Publisher Asset Publisher

Back

Atileet Fayyisaa Leellisaa Biyyatti deebi'e.

 

 

 

[OBN 11 02 11, Adaamaa ] Qabsa'aan Mirga Dhala Nama Atileet Fayyisaa Leellisaa turtii waggaa 2 booda  gara biyyaatti wayita deebi'u, buufata xiyyaara idil addunyaa Booleetti Qondaaltonni mootummaa olaanoo, atileetonnii fi namoonni garaa garaa   simataniiru.

Fayyisaa Leellisaa Oloompikii Riyoo irratti hirmaatee  dorgommii maaraatoonin Itoophiyaaf meedaaliyaa meetii  argamsiiseera.

Dorgommicha irratti qabsoo biyya keessatti qabsaa'amaa  ture deeggaruun mallattoo diddaa agarsiisun osoo gara biyyaatti   hin deebi'iin hafee ture.

dhiyeenya kana ammoo waamicha Federeshiniin atileetiksii fi koreen olompikii Ityoophiyaa tassisaniin gara biyyaatti deebi'eera.