Back

Guyyaan diippiloomaasii aadaa kabajame

OBN Amajji 04, 2011-  Guyyaan diippiloomaasii aadaa ambaasaaddaroota biyyoota addaddaa waliin magaalaa Finfinneetti kabajame.

Sirna kabajaa kanarratti Ministira Dhimma Alaa Dr.  Warqinah Gabayyoo dabalatee hoggansi mootummaa fi hojjettoonni ministeerichaa hirmaataniiru.

Ambaasaaddaroonni biyyoota addaddaa teessoo isaanii  Finfinnee kan godhatan  hawwattoota tuuriizimii fi goda hambaalee addaddaa daawwataniiru.

Diippiloomaasii diinagdee cimsuuf diippiloomaasiin aadaa ga'ee olaanaa kan qabu ta'uu ambaasaaddaroonni daawwannaa kanarratti hirmaatan beeksisaniiru.