Back

Jijjiirama akka naannoo fi biyyaatti jalqabame itti fufsiisuuf hooggansi adda durummaan sochoo'uu qaba

OBN Caamsaa 7, 2011 - Leenjiin gaggeessitoota aanaaleefi magaalota Oromiyaarraa magaalaa Adaamaatti kennamaa ture har'a ni xumurama.

Leejifamtoota 1800 ol ta'aniif leenjiin hoggansaa mata dureewwan garaagaraa irratti guyyoota 15f Akkaadaamii leenjii hoggansa Oromiyaa Magaalaa Adaamaatti kennamaa ture xumuruuf Pireezidaantii Itti Aanaa mootummaa naannoo Oromiyaa Obbo Shimallis Abdiisaa kallattii hojii kennaa jiru.

Jijjiirama akka naannoo fi biyyaatti jalqabame itichuun itti fufsiisuuf hooggansi adda durummaan sochoo'uu qaba, kanaaf ammoo hojiin ijaarsa dandeettii xiyyeeffannoon itti kennamee hoojjetamuu ibsameera.