Back

Injiinar Ayshaa Muhaammad pireezedaanti Ismaa'eel Oomar Giillee waliin mari'atan



OBN Amaj. 3, 2011- Ministirri Ministeera Raayyaa Ittisa Biyyaa FDRI Injiinar Ayshaa Muhaammad pireezdaantii Jibuutii Ismaa'eel Oomar Giillee waliin mari'atan.

Jilli Injiinar Ayshaan duurfamu kaleessa pireezedaanti Ismaa'eel Oomar Giillee waliin Jibuutiitti mari'ateera.

Ergaa  Ministiraa Muummee Dr Abiyyi Ahimadirraa ergames pireezedaantichaan ga'aniiru.

Ministirri Muummee ergaa isaanitiin hariiroon biyyoota lamaanii fedhii fi faayidaa uummata biyyoota sadarkaa olaanaatti cee'uusaa kaasaniiru.

Waliigalteewwan misoomaa hojiirra akka oolu tumsaan kan hojjetamu ta'uu ibsaniiru.
Pireezedaanti Ismaa'eel Oomar Giilleen gama isaanitiin hariiroon biyyoota lamaanii Gaanfa Afrikaa fi biyyoota Afrikaa kaanif fakkeenya gaarii kan ta'u ta'uu himan.

Kunis jabaatee akka itti fufu tumsaan ni hojjenna jedhaniiru.