Back

Hospittaalli Ammayyaa xumuramuun hojii eegale.

OBN Amajji 05, 2011- Godiina Shawaa Kibba Lixaa Aanaa Ammayyaatti ijaarsi Hoospitaala Ammayyaa bara 2004 eegalee xumuramuun hojii eegale.

Ijaarsaa hospitaalaa kanaaf birriin miliyoona 28 oli baasii taheera jedha ragaan Waajjiira Eegumsa Fayyaa Aanaa Ammayyaa irraa arganne akka mul'isuutti.

Hospitaallichis Pireezidaanti Itti Aantuu Mootummaa Naannoo Oromiyaa fi hogganttuu Kilaastaraa Hawaasummaa Aadde Xayibaa Hasaniin har'a eebbifameera.