Back

Sirna lakkoofsa oromoo fi gadaa oromoo

OBN Sad. 03,2011- Sirna lakkoofsa Oromoo fi gadaa Oromoo muraasasaa madda gara garaarraa argannee akka kanaa gadiitti dhiheessineera.

1, LAKKOOFSA OROMOO

Ummatni Oromoo Lakkoofsa qabaa? Gaaffii jettuuf deebiin eeyyeen ni qaba.  Lakkoofsa qabaannanuu dhaha dhooftuun guyyaa,torbee,ji'aa, tibba, waggaa, bara, gadaa, jaarraa fi jaatamjaarraa/barkumee/ jechaa lakkaawataa uummataaf raagaa walanee dhiheessaa,Sirna  Gadaa fi Amantii Waaqeffannaatiin uummata isaanii qajeelchaa fi bulchaa turan.

A, Haala Lakkoofsa itti Lakkaawatan

Lakkoofsa yoo lakkaayu safartuuwwan armaan oliitiin hima malee, caljedhee Qabeenya isaa lakkoofsaan hin himu,waan lagatuu fi teedatus qaba. Akka uummata biroo lakkofsota mallattoon yoo kaayachuu baateyyuu, Oromoon lakkoofsa haala heera uumaatiin walqabsiisee lakkaawata.

1-waaqa/Kallacha-Tokko maali? Tokkeen tokkichuma.

2- Nama/Bokkuu/-Lama maali –Lamaan mucha Re'ee tokkeen-tokkittuma.

3-Sunsuma ibiddaa/maatii/aadaa-Sadi maali? sadeen sunsummanii-----

4-Mucha sa'aa/hormaata-Afur maali? Afran Mucha saayyaa----

5-Quba harkaa/firaa fi lammii /-shan maali? Shaman Quba harkaa------

6-Jahan jabbii qaraxaa/jahan ganyaa

7-Torban guyyaa dilbataa –Torba maali? Torban naannoo sanbataa

8- Saddeet-Lakkoofsa Gadaa/saddeet dhala leencaa/- saddeet maali? Saddeet dhala leencaa---

9- Lakkoofsa ekeraa/saglan yaa'ii booranaa/Saglan addunyaa- sagal maali? Sagal lakkoofsa ekeraa

10-Mana saddeeqa/kurnan mana waaqaa-kudhan maali? Kurnan Boolla saddiiqaa------

13-mallattoo raawwii dhuma jireenyaa ykn Du'aa

15-Gadabaa- Kaayaa-kaayoo warra biyyoo uffatee

20-Digdamman handaara kuulaa-

30-soddomman uumaa ambaa 

40--afurtamman marsaa gadaa

50---shantamman baatuu/yuuba/ gadaa

60---jahaatamman humnaa

70--torbaatamman dhaaba manaa

80-saddeettamman damee qilxuu

90-sagaltamman gama gaangoo

100- Jaarraa/Dhibba ija gingilchaa

700- jaatamjaarraa

1000-Kuma tokko- Jaatamjaarraa /barkumee/

10,000-kuma kudhan. 100,000-kuma dhibba. 1,000,000-kitila tokko= kumaa kitila.

 

 

B, Lakkoofsota hiika addaa qaban(Raagaa laallata, Raagaa walanee qabu,Hoodaaf safuu qabu

  Dhaha Oromoo/Lakkoofsa baraa/calander/:-

Akka dhaha Oromootti, Bara gadaa bidir-dhoqqeetii jalqabee  hanga bara awurooppaa 2017 kanatti waggaa 6412'irra jirra.

Lakkoofsi baraa warra awurooppaa Dh.k.D jiru tokkoo jalqabee hanga kumatti, achis kumarraa gara gaditti lakkaawamaa/olii-gadi/ ture. Dh.K.B ammoo haalli ibsamuun Day, Month, Year, Decades, Century and, Millinium jechaa deema.  Keenna garuu itti fufaadha. Lakkoofsi haaroomsaa gadaa Oromoo mallattoo qubee "M"keessatti barreeffamu ‘1/2/5/8, 9, 13, 27, 40, 80,100,360/720/1000' jechaa deema. Ibsi waamicha dimshaashaa isaa Guyyaa, Baatii, Bara, Gadaa fi Jaarraa dha. Kunis‘M'n mallattoo yoo ta'u lakkoofsonni ammoo hiika matayyaa isaaniifii raagaa walanee eenyummaa Oromoo qabu. Gadaan Oromoo waggaa 6411'keessatti haaroomsa Mallattoo'M' tokkoo fi walakkaa xumureera.

 

  • Sirni Gadaa Oromoo umrii waggoota 6400 caalu qaba. Turtii kana keessatti marsaa (yeroo) 17 oliif haarawoomeera.
  • Mallttoon ‘M'ykn ‘W'fakkaatu kun tokkoon tokkoon roga isaa lakk. Hanga 1000'ga'u qaba. Kanaafuu ‘M'n tokko kuma 4000'qaba jechaadha.Lakkoofsi roomaa sadeen ammoo jaatamii Gadaa waggaa 360'n geggeeffamu akeeka.

 

A) Ibsa Lakkoofsota mallattoo Marsaa Gadaa irra jiranii.

1= Lakkoofsi Tokko Waaqa /uumaa/ bakka bu'a.

2= Lakkoofsi Lama Dhala namaa bakka bu'a. Isaanis Horoo fi Hawwaniidha ykn dhiiraafii dubartiidha.

5= Lakkoofsi Shan Yayyaba /ramaddii, Baallii Gadaa shananii fi Qubbeen harkaa shanan bakka bu'a.

8= Lakkoofsi saddeet umrii fi yeroo turtii Aangoo Abbaa Gadaa bakka bu'a.

9= Lakkoofsi sagal Uumama saglan Addunyaa bakka bu'a.

Sagal lakkoofsa ekaraa bakka buuti akka sumaas sagal Yaa'ii kora abbootii/gumii/ Gadaa bakka bu'a.

Lakkoofsi Sagal gulantaalee/sadarkaalee/ umrii guddina ilmaan Oromoo bakka bu'a.

Lakkoofsi sagal jaarraa hojiin gadaa keessa jiru madaala.

13= Lakkoofsi Kun Raawwii wantoota adda addaa ibsa.

  • Xumura umrii daa'imummaa ibsa.
  • Xumura biqiluu fi Cabuu ilkaan aannanii/ilkaan duraa/ ibsa.
  • Jaatamii sirna Gadaa ykn cinna gadaa ibsa.
  • Dullumaa fi Du'a bakka bu'a.
  • Ayyaana Ekeraa bakka bu'a.

27= Lakkoofsi Kun Dhaha Oromoo/kaalandara/, Ayyaana hiree dhaloota Ilmaan Oromoo fi Raagaa walanee bakka bu'a.

40= Marsaa Gadaa tokko guutuu bakka bu'a. Barruu ganyaa fi Qubbeen shanan  harka namaa bakka bu'a.

80= Damee Odaa fi Qilxuu bakka bu'a. Odaan galma sirna gadaati, caayaa oromootaati.

  • Qilxuun ammoo galma muudaa fi Amantii waaqeffannaati.
  • Gadamoojjii ibsa, marsaa guutuu gadaa   akaakayyuuti.

 

100=Jaarraa tokko jedhama.Dhuma Gadaa /jaatamii/ gadaa bakka bu'a.

  • Maanguddoota bakka bu'a (Umrii akaakayyuu fi abaabayyuu bakka bu'a).
  • Jaarraan tokko gadaa 13 ofkeessaa qaba. Kudha sadi ammoo mallattoo raawwiiti.

360= Jaatamii Gadaa tokko bakka bu'a. Gadaanis marsaa gadaa sagal irra yoo gahe ni haarawooma. Gama birootiin Orom gadaa 45' nyaate jedhama. Kunis waggaa 360' dhufa.

720= Jaatamii Gadaa fi kutaa Raayyaa waraanaa tokko bakka bu'a.

  • Umrii kuush bakka bu'a. Sababiin isaa kuush Gadaa 90' nyaate/jiraate/ jedhama. Gadaan 90' ammo waggaa 720' ta'a.

1000=  Baay'inni Hortee Ummmata Oromoo kumaa kitilaan dabalaadeemuu agarsiisa. Ykn (barkumee ibsa)jaatam jaarraa jedhama.

 

B) Jaatamii/Haarawoomsa Sirna Gadaa fi Maqaawwan Gadaa kanaan dura haaroomanii.

    Gadaan yoo waggaa 360 gahe ykn Marsaa sagal xumure ni jaatama/haarawooma, kunis Jaatamii jedhama. Gadaan yoo cinni gadaa isa mudates ni haarawooma. Waggaan 360= gadaa 45 qaba. Gama birootiin marsaan sagalii buufata shanii Bara saddeetitiin yoo ilaalamu 9x40=360 ta'a.  Kunis cinna gadaa ykn haaroomsa fida. Sirni Gadaa marsaa tokko guutuu waggaa 40'qabu sagal sagaliin haarawooma. Kunis waggaa 360'ta'a. Haalli haarawoomsa kanaa/adeemsi/ akka armaan gaditti Dh.K.D fi Dh.K.B maal akka fakkaatu mee haa ilaalluu.

 
 

Waggaa 40

G

A

D

A

A

 

AB,BC,CD,DE,EF= Baallii shanan

           Waggaa      40x9=360

  • Gadaan shani, maqbaasiin torba
  • GADAA

G= Gaaddisa/gumii/Yaa'ii

A= Aadaa ummata Oromoo

D= Dagaag-hora/finna/dhala namaa

A= Amantii waaqeffanna

A=Afaan Oromoo/afoolaa fi aartii Oromoo

A

B

C

D

E

1

1

2

3

4

5

2

6

7

1

2

3

3

4

5

6

7

1

4

2

3

4

5

6

5

7

1

2

3

4

6

5

6

7

1

2

7

3

4

5

6

7

8

1

2

3

4

5

9

6

7

 

 

 

 

 

 

Jaatamii xiqqaan sadarkaa aangoo nam-tokkeetti waggaa 40' kunis qubbeen harkaa

 

 

 

 Jaatamii xiqqaan sadarkaa aangoo nam-tokkeetti waggaa 40' kunis Qubbeen harkaa shananii fi barruu ganyaati. Akka Oromoo walii galaatti waggaan 360' jaatamii tokko jedhama.

SHANAN QUBBIIN HARKAA FAKKIIDHAAN

 

  • Qubbeen harkaa 5= 5x8=40 marsaa tokko
  • 1,Birmajii 

2, Bultuma

3, Bahara

4, Horata

5, Roobalee


 

Hoggaa Gogeessi Gadaa jiran tartiibaan deemanii raaw'atan gara isa jalqabaatti deebi'uudhaan marsaa tokko tahu. Gogeessi Gadaa tokko bakka heddutti waggaa 40' booda malee, hin deebi'u.    Fakkeenyaaf:-Oromoo Ituu-humbannaa keessatti

Yeroo idiletti laalamu jireenya nam-tokkoo keessatti, Marsaa Gadaa lamatu jira. Isaaniis, Marsaan duraa Gadaa abbaa yeroo tahu, inni lammaffaa Gadaa ilmaati.

   Ilmi Marsaa tokko fixee, Gadaan isaa Kan abbaa tahe, Kan itti aanu Kan ilmaan isaa taha jechuudha. Akkuma kanatti itti fufee dabra.

MANAAN YOO KAAYAMAN.

Mana Tokkee

Mana kudhanii

Mana dhibbaa

Mana kumaa

1-waaqa/Kallacha

11-

30-soddomman uumaa ambaa

100- Jaarraa/

Dhibba ija gingilchaa

1000-Kuma tokko

Jaatamjaarraa

/barkumee/

2- Nama/Bokkuu

12-

40--afurtamman marsaa gadaa

400

10,000

Kuma kudhan

3-Sunsuma ibiddaa/maatii/aadaa

13-mallattoo raawwii

50---shantamman baatuu-yuuba gadaa

500

100,000

Kuma dhibba

4-Mucha sa'aa/hormaata

14-

60---jahaatamman humnaa

600

Mana kitilaa/millions

5-Quba harkaa/firaa fi lammii

15-Gadabaa

70--torbaatamman dhaaba manaa

700- jaatamjaarraa

1,000,000-kitila tokko

6-Jahan jabbii qaraxaa/jahan ganyaa

16-

80-saddeettamman damee qilxuu

800

10,000,000

Kitila kudhan

7-Torban guyyaa dilbataa

17-

90-sagaltamman gama gaangoo

900

100,000,000

Kitila dhibba

8- Saddeet-Lakkoofsa Gadaa/saddeet dhala leencaa/

18-

 

 

Kitiliyoona/billions

1,000,000,000

9- Lakkoofsa ekeraa/salgan yaa'ii booranaa/Saglan addunyaa

19-

 

 

1,000,000,000

Kitiliyoona tokko

10-Mana saddeeqa/kurnan mana waaqaa

20-digdamman handaara kuulaa

 

 

 

 

   

    

 

 

 

 

 

 

 

 

 

  2, SIRNA LAKKOOFSA OROMOO

Manni Lakkoofsa Oromoo akka Seera Yayyaba Shananiitti shan ta'uu beektuu?

1, TOKKO= Manni tokkee- miseensota sagal of keessaa qaba. Kana jechuun 1x9=9 ta'a.

                   (1,2,3,4,5,,6,7,8,9 = 1x9=9)

2, KUDHAN= Mana kudhanii/mana kurnee/ kana keessattis miseensota sagal arganna. Miseensonni mana kurnee saglanuu  miseensota sagal sagal ofkeessaa qabu. Kunis 1x9x10=90. Tokkee saglan yoo itti daballu baay'inni isaanii kudhan ta'u. Yoo baay'isne 10x10=100 dhufa

 (10-19=10)-- (30-39=10)—(50-59=10)—(70-79=10)—(90-99=10)

 (20-29=10)-- (40-49=10)—(60-69=10)—(80-89=10)—(10x9=90/11x9=99)

  (10, 20, 30, 40, 50, 60, 70, 80, 90= 9x10= 90)

 

3, DHIBBA= Manni dhibbaa miseensota Sagal- sagal qabu.

                   (100,200,300,400,500,600, 700, 800, 900=100x9=900 ta'a.)

Tokko tokkoon mana dhibbaa miseensota 10'10'n of keessaa qabu. Kunis 10x10=100 ta'a.

   A=100-199=10                          F=600-699=10

   B= 200-299=10                          G=700-799=10

   C= 300-399=10                         H=800-899=10

   D=400-499=10                          I=900-999=10

   E=500-599=10                           J= 900-1000=10

 

4, KUMA= Manni kumaa Miseensota sagal sagal qabu. Lama yoo irratti idaane 11' ta'u.

 (1000,2000,3000,4000,5000,6000,7000,8000,9000=1000x9=9000 ta'a.)

 (kuma, kuma kudhan, kuma dhibba= Lamaan sunniin 10,000 fi 100,000 jechaadha.)

 

5, KITILA= Mana kitilaa/miliyoonaa/ keessa Miseensota 9 hanga 11' ta'antu jira.

               (1,000,000) ----- (10,000,000) ---fi (100, 000, 0000) ta'u jechuudha.

 

Lakkoofsonni Oromoo Seera Yayyaba Shananiitinii fi Saglan Addunyaatiin lakkaawamaa adeemee Boodarra Sadarkaalee Gadaa Oromoo tiin xumurama.


Maddi:- Qorannoo Dhimma Oromoo irratti kan hundaa'ee fi Hayyoota Oromoo   argaa  dhageettii irraa kan walitti qabameedha.Usmaan Qumbiituu qopheesse.