Back

Meeshaaleen Ulfaa Oromoo isaan kam ofkeessaa qabaa?

OBN Onk. 20,2011- Meeshaaleen  Ulfaa  Oromoo ittiin beekaman muraasaa isaanii akka kanaa gaditti isinii dhiheessineera.

 A.KALLACHA

Kallachi meeshaa ulfaa guddaa Waaqeffataan waaqaa gaditti safeeffatuu fi sodaatuudha.

Kallachi jalqabaa Sibiila Qorsaa/urjii furgugamtuu/ irraa tolfame jedhama. Jalqaba Bakakkaa waliin samii irraa bu'e yeroma sana Aannan Sa'a gurraachaa itti dhibaafatanii yoo inni ol kalaayu Ayyaantuun/Qaalluun uumamaa/sanyiin isaa/ harka qulqulluu fi wayaa haarayaan maranii olkaayan. Sibiilli bakakkaa Bokkuu yoo ta'u, Sibiilli Qorsaa ammoo kallacha ta'e.

Kallachi erga siifamee booda huccuu haaraya takkaa bishaan tuqee hin beekne tan maqaan isii Canfii jedhamuun maramee taa'a.

Yeroo ammaa kallachi Sibiila Meetii fi Maaldayaa/siqaaya/ irraa siifamee tolfama.

Teephni/hidhanni/ isaa gogaa Jawwee, Naachaa fi Kormaa irraa tolfama.

Akka dhugeeffannaa Oromootti namni kallacha bakka kaayametti ijaan ilaaluu/ harkaan tuquu/ danda'u  daa'ima ilkaan hin caphsin, qaalluu, dubartii umrii dheertuu/Noolee/ kan jedhaman faatu waggatti altakka ijaan ilaalee  dhadhaa muuduu danda'a.

Kallachi akka arge hin ba'u kan ba'uu danda'us yeroo Lolli gosoota lama jiddutti uumamee, yeroo sirna gumaa baasuu,yeroo hoongeen hammaatte waaqa kadhachuuf  fi kkf Araara buusuf bayama.

Walumaa galatti kallachi kabaja guddaa waan qabuuf wanti kallachi gadi bayeef gonkumaa dhaba hin qabdu.

B. BOKKUU

Bokkuu/hororoon jalqaba akkuma kallachaa bakakkaa waliin Rooba keessa waaqaa bu'e  jedhu.

Bokkuun jalqabaa sibiila bakakkarraa magarfame. Bokkuun mallattoo aangooti, ni kabajama malee akka kallachaatti hin sodaatamu.

Bokkuun ulee Abbaa Gadaati. Isatu seera Caffeen gadaa tume ittiin labsa. Bokkuun walqixxummaa dhiiraaf dubartii kan ibsuudha.

Garri olii dhiirummaa/Bokkuu dhalchaa/ heera, seera, ummata/ yoo ibsu garri gadii ammoo Dubartummaa/ heera, seera, hormaata/ kan ibsuudha.

Waa'een hiikaa Bokkuu fi kallachaa kun iccitii hedduus ni qaba. Garuu qaamni dhimmi ilaalu barachuu ni danda'a.

Yeroo ammaa Bokkuu ni magarfatu. Bokkuu ykn hororoon Muka qajeelaa/sorooroo/ ta'erraa magarfama/tolfama. Mukkeen kunis Ejersa, Waddeessaa fi darbee darbee Harooressa irraa magarfama.

C. CAACCUU

Caaccuun ulfaa faaya dubartii Oromooti. Mallattoo Hormaataa fi miidhaginaati. Caaccuun faaya Elellaan/ilka/ jedhamuu fi gogaa Goromsaarraatti  tarree sadiin elellaan sagal-sagaliin saroramee callee waliin  tolfama.

Caaccuun eebbaaf malee Abaarsaaf hinbaatu.

Yeroo jila irreessaa fi Ateetee Dubartoonni Callee fi Caaccuun faayamanii Siinqee fi Ciicoo mijuu qabatanii Araara,Nagaa,Rooba, Fayyaa fi Hormaata sa'aa namaa nuuf qajeelchi, nuuf toli  nutti tolchi jedhanii waaqa kadhatu.

Caaccuu kan faayachuun qabatan Haadha caccuu, Haadha nagaa, Haadha ambaa/Qaallittii/ fi Baadarii/dursituu ateetee/ yoo ta'an.

 

Shamarran hin heeruminiif dabbasaarratti, Mormarrattii fi uttoo irratti dooqa waliin hidhuuf.

Waan obsaan dubbistaniif galatoomaa!Horaa bulaa!deebanaa!!

Shere fi Like itti roobsaa! Yaadas irratti kennaa, bakka hanqate itti guutaa!

Maddi:- Kitaaba Ilaaacha Oromoo, Duudhaa, Hubannoo Oromoo fi Hayyoota dhiiraaf dubartiirraa kan walitti qabame.Usmaan Qumbiituu qopheesse.